ካምፓስ ፖሊስ ምርቃት

ሚያዝያ 6/ 2013 ዓ.ም
*************************
የሰላማዊ የመማር ማስተማር ሂደትን ለማረጋገጥ የካምፓስ ፖሊስ ሚና እጅጉን የላቀ ነዉ፤ ዶ/ር ጀማል አባፊጣ የጅማ ዩኒቨርሲቲ ፕሬዚደንት፡፡
ከተለያዩ የማህበረሰብ ክፍሎች የተዉጣጡ የካምፓስ ፖሊስ አባላት የፖሊስ ሙያ ስልጠናቸዉን ጨርሰዉ ዛሬ ተመርቀዋል፡፡
በዛሬዉ እለት የተመረቁት የካምፓስ ፖሊሶች 133 ወንዶችና 28 ሴቶች በድምሩ 161 ናቸዉ፡፡
በምረቃ ስነ-ስርዓቱ ላይ የጅማ ዩኒቨርሲቲ ፕሬዚደንት ዶ/ር ጀማል አባፊጣ እንደተናገሩት ሰላማዊ የመማር ማስተማር ሂደትን ለማረጋገጥና ተማሪዎችን ከደህንነት ስጋት ነፃ ለማድረግ የካምፓስ ፖሊሶች ሚና ከፍተኛ ነዉ ብለዋል፡፡
የጅማ ዩኒቨርሲቲ የአስተዳደርና ተማሪዎች ጉዳይ ም/ፕሬዚደንት ዶ/ር ቀነኒሳ ለሚ በበኩላቸዉ ዩኒቨርሲቲዉ በማህበረሰቡ ዉስጥ ያለዉን ተቀባይነት እና ስፍራ በመገንዘብ እንዲሁም የእድገት ደረጃዉን ያማከለ ፈጣንና ጥራት ያለዉ አገልግሎት ለመስጠት ተመራቂ የካምፓስ ፖሊሶች ያለባቸዉ ሃላፊነት ከፍተኛ መሆኑን ገልፀዋል፡፡
የጅማ ከተማ ከንቲባ፣ አቶ ቲጃኒ ናስር በበኩላቸው፣ በምረቃ ስነ–ስርዓቱ ላይ ባስተላለፉት መልዕክት፣ ህግና ስርዓትን ማክበርና ማስከበር ይጠበቅባችል፣ እንዲሁም መምህራንንና ተማሪዎችን ህጉ በሚፈቅደው መሰረት በአክብሮት ማስተናገድ ዋነኛ ተግባራችሁ መሆን አለበትም ብለዋል፡፡
በዩኒቨርሲቲዉ የጥበቃና ደህንነት ክፍል ሃላፊ ኮማንደር አቡበከር ተመራቂዎቹ የአካል ብቃት፣ የስነ-ልቦና እና አዕምሮ ዝግጁነት ስልጠናዎችን ወስደዉ በብቃት ማጠናቀቃቸዉን ገልፀዋል፡፡
የህገ-መንግስት፣ የሲቪል ሰርቪስ፣ የሳይንስና ከፍተኛ ትምህርት ሚኒስቴር እንዲሁም ሌሎች ተያያዥነት ያላቸዉ ህግና ደንቦች በስልጠናዉ የተካተቱ ሲሆን በዩኒቨርሲቲዎች የሚገኙ የካምፓስ ፖሊሶች ወቅቱን የሚመጥን የዘመነ አገልግሎት ለመስጠት ያስችላል ተብሏል፡፡
በሀጫሉ ሁንዴሳ ሲቪክ ማዕከል በተካሄደዉ የምረቃ ስነ-ስርዓት ላይ የጅማ ከተማ ከንቲባ ክቡር አቶ ቲጃኒ ናስር እና ሌሎች እንግዶች ተገኝተዋል፡፡ በማጠቃለያው ለሰልጣኞቹ በዩኒቨርሲቲው ከፍተኛ አመራርና በክብር እንግዳው አማካኝነት የምስክር ወረቀት ተሰጥmþል፡፡
Eebba Poolisii Kaampaasii Yunvarsiitii Jimmaa
Ebla 6, 2013
*************************
Dhimmi nageenyaa Yunvarsiitii Jimmaa poolisoota kampaasii 161 ta’aniif leenjii kennaa ture har’a giddu gala siivikii Haacaaluu Hundeessatti sirna hoo’aa ta’een eebbisiseera.
Poolisoota leenjii fudhatan keessaa 133 dhiira fi 28 dubartoota. Sirna eebbaa kanarratti kan argaman, pireezidaantiin Yunvarsiitii Jimmaa, Dr. Jamal Abbaafiixaa ergaa baga gammaddan, baga geessan erga dabarsaanii booda akka dubbatanitti, adeemsa baruu fi barsiisuu mirkaneessuu fi barattoota yaaddoo nageenyaa irraa bilisa taasisuuf poolisoonni qooda olaannaa qabaachuu ibsan.
Dabalataanis,ittaanaan pireezidaantii dhimma bulchiinsaa fi brattootaa Yunvarsiitii Jimmaa, Dr. Qananiisaa Lammii, eebbitamtootan baga gammaddan erga jedhaniin booda, poolisoonni nageenya yunivarsiitiii kanaa eeguun tajaajila saffisaa fi qulqullina qabau sadarkaa guddina yunivarsiitiii keenyan walmadaale hawaasa yunvarsiitichaaf kennuu fi fudhatamummaa yunvarsiitichi hawaasa keessatti qabu daran itti fufsiisuuf nageenya hojii baruu fi barsiisuu mirkaneessuuf gumaacha guddaa qabaachuu isaanii eeraniiru.
Ittigaafatamaan dhimma nageenyaa Yunvarsiitii Jimmaa, Komaandar Abuubakar akka jedhanitti poolisootaf leenjiin qaamaa, xinsammuu, yakka ittisuu, qabeenya barataa tiksuu, barataa yaaddoo nageenyaaa irraa bilisa taasisuu, hojii skatta’auu hubannoo heera mootummaa, walitti bu’iinsa furuu fa’aa irratti kennameera.
Komaandar Abuubakar eebbifamtootan, leenjii fudhattan kana amanamummaa fi namuusa hojiin kun gaafatuun barataa fi hawaasa keessan tajaajiluuf dirqama qabdu jedhaniin. Sirna eebbichaarratti kantiibaan magaalaa Jimmaa, obboo Tijaanii Naasiir dabalatee keessummoonni biroo argamaniiru.
Sirna eebba kanarrattis leenjistootni Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaa fi Poolisii Oromiyaa irraa walitti dhudhufan deeggarsa godhaniifis galateeffaman.
Dhumarrattis leenjiftootaf waraqaan ragaa galateffannaa kennameera