የኢትዮጵያ የሳይንስ ሽልማት

የኢትዮጵያ የሳይንስ ሽልማት
ጅማ ዩኒቨርሲቲ፡ ሀምሌ 8/2013 ዓም
*******************************
የሳይንስ አጠቃላይ ሂደትን እውን በማድረግ የህዝባችንን ህይወት ለመቀየር ያለመ የኢትዮጵያ ሳይንስ ሽልማት ይፋ ሆኗል።
“በትውልድ ኢትዮጵያዊ በራዕይ አፍሪካዊ” የተባለው የሳይንስ ሽልማት ለተመረጠው የሳይንስ ግኝት 100 ሺህ ዶላር አዘጋጅቷል።
ሽልማቱ ይፋ የተደረገው በኢትዮጵያ ለመጀመሪያ ግዜ እየተካሄደ በሚገኘውና አራተኛ ቀኑን በያዘው የከፍተኛ ትምህርት የሳይንስ፣ የምርምር፣ የቴክኖሎጂ እና ኢንዱስትሪ ትስስር ኮንቬንሽን ላይ ነው።
የመጀመሪያው የኢትዮጵያ ሳይንስ ሽልማት እ.አ.አ.በ2022 የሚበረከት ነው ተብሏል። ሽልማቱ የኢትዮጵያ ሳይንስ ሽልማት የሚል ስያሜን ይዞ በየዓመቱ የሚካሄድ ሲሆን ሽልማቱ የሚሰጠው የላቀ እና ሀገር በቀል ዕውቀትን ያካተተ የሳይንስ ግኝት ሲሆን ብቻ ነው።
ጅማ ዩኒቨርሲቲን ጨምሮ የከፍተኛ ትምህርት ተቁዋማት የሳይንስ ፈጠራ እና ቴክኖሎጂ ውጤቶችን ከሀገር በቀል እውቀቶች ጋር በማስተሳሰር ለኢትዮጵያ ብሎም ለአፍሪካ ሁለንተናዊ እድገት የሚጠበቅባቸውን ለማድረግ ጠንክረው ሊሰሩ ይገባል ተብሏል።
የፈጠራው ባለቤት ኢትዮጵያዊ፣ የሳይንስ ግኝቱ በኢትዮጵያ አውድ የተቃኘ፣ ከፍተኛ ጥራት ያለው፣ የሌሎች የሳይንስ ግኝቶች ቅጂ አለመሆን እና ሌሎች በማወዳደሪያ መስፈርትነት ተቀምጠዋል።
የኢትዮጵያ ሳይንስ ሽልማትን የሚመራ ቦርድ ተቁዋቁሞ ከሳይንስ ግኝት መረጣ ጀምሮ አጠቃላይ የሽልማት ስርዓቱን ይመራል ተብሏል።
Badhaasa Saayinsii Itoophiyaa
Yunvarsiitii Jimmaa: Adoolessa 8/ 2013
**********************************
Badhaasni saayinsii adeemsa saayinsii waliigalaa qabatamaa taasisuuf, jireenya uummata keenyaa geeddaruuf karoorfame ifa ta’e. Argannoo badhaasa saayinsii “Dhalootan Itoophiyaa, muldhataan Aafrikaa”, jedhamu filatameef doolara kuma 100tu qoophaa’e.
Badhaasichi konveenshinii qorannoo saayinsii, teeknoolojii fi hidhata indastirii dhaabbilee barnoota olaanoo, akka Itoophiyaatti yeroo duraaf gaggeeffamaa jiru kan guyyaa shanaffaasaa qabate irratti ifoome.
Badhaasni saayinsii Itoophiyaa A.L.A. bara 2022tti yeroo jalqabaaf kennama jedhameera. Badhaasichi moggaasa badhaasa saayinsii Itoophiyaa qabatee waggaa waggaan kan adeemsifamu yoo ta’u, beekkumsa gadifagoo fi duudhaalee uummatoota biyyaa ofkeessatti yoo hammate qofaadha.
Yunvarsiitii Jimmaa dabalatee dhaabbileen barnoota olaanoo bu’aalee kalaqaa saayinsii fi teeknooolojii, beekkumsa duudhaalee uummatoota biyyaa wajjin walitti hidhuun Itoophiyaafis ta’ee Aafrikaaf guddina hunda hammataa fiduuf waan irraa eegamu raawwachuuf jabaatanii hojjachuuu qabu jedhame.
Abbaa kalaqaa lammi Itoophiyaa ta’e filachuuf, aragannoon saayinsii maqaa Itoophiyaatin kan qindaa’e, qulqullina olaanaa kan qabu, aragannoowwan saayinsii biroorra kan hin waraabamne ta’uu fi ulaagaaleen dorgommii kan biroo kaa’amaniiru. Boordiin badhaasa saayinsii Itoophiyaa hoogganu dhaabbachuun aragannoowwan saayinsii filachuu irraa kaasee hanga sirna raawwii badhaasaa waliigalaatti ni gaggeessa jedhame.