የበጎ-ፍቃድ እና የህዝብ ለ ህዝብ አገልግሎት

የበጎ-ፍቃድ እና የህዝብ ለ ህዝብ አገልግሎት
ጅማ ዩኒቨርሲቲ ሐምሌ 17/2013ዓ.ም
****************************************
የሳይንስና ከፍተኛ ትምህርት ሚኒስቴር እና ተጠሪ ተቋማት አረንጓዴ አሻራ፣ የበጎ-ፍቃድ የህዝብ ለ ህዝብ አገልግሎት በጅማ ዞን ቀርሳ ወረዳ ተካሄደ፡፡
መርሀ-ግብሩ ችግኝ በመትከልና የአቅመ-ደካማ ማህበረሰብ ክፍሎች የመኖሪያ ቤት በማደስ ተከናዉኗል፡፡
አረንጓዴ አሻራ በማሳረፉ ሂደት ላይ በዛሬዉ እለት በቀርሳ ወረዳ ችግኞች የተተከሉ ሲሆን 6 የአቅመ ደካማ አዛዉንቶች መኖሪያ ቤት እድሳትንም አስጀምረዋል፡፡
ከሳይንስና ከፍተኛ ትምህርት ሚኒስቴር፣ ዩኒቨርሲቲዎች እና ተጠሪ ተቋማት የተዉጣጡ ከ300 በላይ ግለሰቦች በህዝብ ለ ህዝብ አገልግሎቱ በችግኝ ተከላ እና ቤት በማደስ ስራ ላይ ተሳትፈዋል፡፡
ከነዚህም መካከል ገሚሱ የጅማ ዩኒቨርሲቲ እና የወልቂጤ ዩኒቨርሲቲ ተማሪዎች ናቸዉ፡፡
የህዝብ ለ ህዝብ የበጎ-ፍቃድ አገልግሎት በተቋማትና በማህበረሰቡ ዉስጥ ትስስርን በመፍጠር እንደ ሀጋር ለማሳካት የታሰበዉን እድገት ለማምጣት ከፍተኛ ሚና ይኖረዋል ተብሏል፡፡
በመርሀ-ግብሩ ከተሳተፉ ግለሰቦች መካከል በሳይንስና ከፍተኛ ትምህርት ሚኒስቴር ሚኒስትር ዲኤታ የሆኑት ዶ/ር ሳሙኤል ክፍሌ እና ፕሮፌሰር አፈወርቅ ካሱ፣ የከፍተኛ ትምህርት ጥራትና አግባብነት ኤጀንሲ ዶ/ር አንዷለም አድማሴ፣ የጅማ ዩኒቨርሲቲ ፕሬዚደንት ዶ/ር ጀማል አባፊጣ፣ የአስተዳደርና ተማሪዎች አገልግሎት ም/ፕሬዚደንት ዶ/ር ቀነኒሳ ለሚ፣ የቦንጋ ዩኒቨርሲቲ ፕሬዚደንት እና ም/ፕሬዚደንት፣ የወልቂጤ ዩኒቨርሲቲ ፕሬዚደንት ይገኙበታል፡፡
የተቋማቱ ከፍተኛ አመራሮች በትላንትናዉ እለት በሰኮሩ ከተማ የሚገኘዉን የትሮፒካልና ተላላፊ በሽታዎች ምርምር ማዕከልን መጎብኘታቸዉ የሚታወስ ነዉ፡፡
#Biqiltuu Dhaabuu fi Mana Ijaaruu
Adoolessa17, 2013
Yunvarsiitii Jimmaa
*************************
Aanga’oonni olaanon, hojjattoonni fi barattoonni Yunvarsiitii Jimmaa hojii biqiltuu dhaabuu fi mana ijaaruu aanaa Qarsaatti gaggeeffame irratti hirmaatan.
Sagantaa kanarratti hooggantoonni ministeerri saayinsii fi barnoota olaanoo (MoSHE) Piroofeesar Afeworq Kaasuu fi Doktar Saamueel Kiflee, hooggantoonni, hojjattonni, fi barattoonni Yunvarsiitii Walqixxee fi hooggantoonni fi hojjattooonni Yunvarsiitii Boongaa fi hojjattoonni waajjira qonnaa fi BLTO aanaa Qarsaa qooda fudhataniiru.
Biqiltuun gaattiraa fi ejersaa aanaa Qarsaa, ganda Kitimbilleetti dhaabame. Manni harka qalleeyyiis aanuma kana ganda Oomoo Tiichootti ijaaramuuf mukti hirmaattotaan dhaabbatee karaa bulchiinsaa akka xumuramuuf imaanaan irra kaa’ame.
Akka bulchaan aanaa Qarsaa dubbatetti manneen harka qalleeyyii 6 ijaaramuuf kan dursa karaa bulchaa gandaa fi namoota biroon qulqullaa’anii, kanneen gargaarsi maluuf erga adda baafamanii, manneen 5, magaala Sarbootti, manni 1 immoo ganda Oomoo Tiichootti ijaaaramuuf yaadame.
Dr Saamueel Kiflee “Biyyi keenya harka qalleeyyii jiran gargaaruuf baajata gahaa waan hin qabneef, namoota rakkatan hojii tola ooltummaan irratti hirmaachun tajaajiala fooyya’aa kennuufin barbaachisaadha” jedhan.
Akkasumas Piroofeesar Afeworq Kaasuu,“Duudhaalee abbootii keenyaa hojii guyyaa guyyaa keenya keessatti raawwachuun harka qalleeyyii gargaaruu qabna; dhaabbileen federaalas caasaa isa jalaa, kan gandaa wajjin walitti dhufuun jiruu uummata keenya hiyyeessaa jijjiiruu fi hojii gaarii akka tolaooltummaa ittifufsiisuu qabu” jedhan.
Dhumarrattis, harka qalleeyyiin manni irratti jigee, dhimmuu gannaaf saaxilamaa jiran gargaaruun gocha namummaa waan ta’eef hojiileen hawaasummaa akkasii jajjabeeffamuu qabu jedhame.