የምስጋና እና እውቅና መርሀ-ግብር

የምስጋና እና እውቅና መርሀ-ግብር
ጅማ ኒቨርሲቲ ነሐሴ 20/2013ዓ.ም
***************************
በኢትዮጵያ ቀዳሚ የምርምር ዩኒቨርሲቲ ለመሆን፤ የጅማ ዩኒቨርሲቲ ስኬቶች፣ ተግዳሮቶች እና ቀጣይ አቅጣጫዎች በሚል ርዕስ የፓናል ውይይት በጅማ ዩኒቨርሲቲ ኮንፍረንስ ማዕከል ተካሄደ፡፡
የፓናል ውይይቱ ጅማ ዩኒቨርሲቲ በሀገራችን ለመጀመሪያ ግዜ በተካሄደው የከፍተኛ ትምህርት ምርምር፣ ቴክኖሎጂ እና ኢንዱስትሪ ትስስር ኮንቬንሽ ላይ አንደኛ መውጣቱን በማስመልከት የተዘጋጀ ነው፡፡
የፓናል ውይይቱን በእንኳን ደህና መጣችሁ እና የምስጋና መልዕከት የከፈቱት የጅማ ዩኒቨርሲቲ ፕሬዚደንት ዶ/ር ጀማል አባፊጣ እንደተናገሩት ድሉ የዩኒቨርሲቲው መምህራን፣ አስተዳደር ሰራተኞች፣ ተማሪዎች፣ የጅማ እና ዞን ማህበረሰብ፣ በሁሉም ዘርፎች የሚገኙ ባለድርሻ አካላት እና የሁሉም ተባባሪ አካላት መሆኑን ተናግረዋል፡፡
የተገኘውን ስኬት የማስቀጠል ሙሉ ሃላፊነት የነዚሁ የድሉ ባለቤቶች እንደሆነ በመግለፅ በተገኘው ድል ሳንዘናጋ ለቀጣይ ስኬት ከወዲሁ መሰነቅ እንደሚገባም ፕሬዚደንቱ አክለው ገልፀዋል፡፡
በፓናል ውይይቱ ላይ ጅማ ዩኒቨርሲቲ በተለያዩ ዘርፎች ያገኛቸው ስኬቶች፣ እስካሁን ባደረጋቸው ጉዞ ያጋጠሙ እና ወደፊት በሀገሪቱ ቀዳሚ የምርምር ዩኒቨርሲቲ ለመሆን በሚያደርገው ጉዞ ሊያጋጥሙ የሚችሉ ተግዳሮቶች በስፋት ተነስተው ውይይት ተደርጎባቸዋል፡፡
ከፓናል ውይይቱ ተሳታፊዎችም ገንቢ እና ለወደፊት ስኬት ያበቃሉ ተብሎ የታመነባቸው ሀሳቦችና አስተያየቶች የተሰጡ ሲሆን ዩኒቨርሲቲው እነዚህን እንደግብዓት በመጠቀም ለቀጣይ ዩኒቨርሲቲው በመማር ማስተማር፣ በምርምር እና በማህበረሰብ አገልግሎት ዘርፎች ስኬት ለማስመዝገብ ይጠቀምባቸዋል ተብሏል፡፡
በመድረኩ ጅማ ዩነቨርሲቲን ለዚህ ስኬት ላበቁ ተመራማሪዎች፣ መምህራን፣ የስራ ሃላፊዎች፣ በጅማ ከተማ፣ ዞን እና ከጅማ ውጪ ለሚገኙ ተቋማት እና ሌሎች ባለድርሻ አካላት የምስጋና ሽልማቶች ተበርክተውላቸዋል፡፡
ከሽልማቶቹ ውስጥም ዘመናዊ ስማርት ስልኮች፣ ዋንጫ፣ ሜዳሊያና የእውቅና ሰርተፊኬቶች ይገኙበታል፡፡
በመጨረሻም ቀጣይ አቅጣጫዎችን በማስቀመጥ ሁሉም የሚመለከታቸው አካላት እስካሁን ካደረጉት አስተዋፅ በላቀ መልኩ ተሳትፎ እና ድጋፋቸውን በማድረግ ካሁኑ ዝግጁ እንዲሆኑ ጥሪ ቀርቧል፡፡
በፓናል ውይይቱ ላይ የመዝጊያ ንግግር ያደረጉት የዩኒቨርሲቲው አስተዳደርና ተማሪዎች አገልግሎት ም/ፕሬዚደንት ዶ/ር ቀነኒሳ ለሚ፣ እያንዳንዱ ሰራተኛ ከላይ አስከ ታች የራሱን አስተዋጽኦ ዩኒቨርሲቲያችን በአሸናፊነት እንዲወጣ አስችላችውታል ብለዋል፡፡
ም/ፕሬዚደንቱ አክለውም የዛሬው የፓናል ውይይት ተመራማሪዎቻችን ባገኙት እውቅናና ሽልማት ሳይዘናጉ ለበለጠ ውጤት እንዲተጉ የሚያስችላቸው እንደሆነ ግንዛቤ እንደተወሰደ ገልፅው፤ ልምድ ያካበቱ ተመራማሪዎቻችንም ልምዳቸውን በስፋት እንዲያጋሩ፤ ምስጉን መምህራንና ከፍተኛ ውጤት ያስመዘገቡ ተማሪዎቻችንም ለሌሎች ተምሳሌት እንዲሆኑ የማበረታቻ መድረክ እንደነበር ለማረጋገጥ እንደተቻለ ገልፀዋል፡፡
በፓናል ውይይቱ ላይ የጅማ ዞን አስተዳዳሪ አቶ አብዱልሃኪም ሙሉን ጨምሮ በርካታ ጥሪ የተደረገላቸው አካላት፣ የዩኒቨርሲቲው ማህበረሰብ አባላት፣ የሀገር ሽማግሌዎች እና አባገዳዎች እንዲሁም ሌሎች ባለድርሻ አካላት ተሳታፊ ነበሩ፡፡
የምስጋናና የእውቅና አሰጣጥ መርሀ-ግብሩ በአውደ ርዕይ፣ በደም ልገሳ እና ሌሎች ዝግጅቶችን በጅማ ዩኒቨርሲቲ ማህበረሰብ አባላት ቀጥሎ ይውላል፡፡
Sagantaa Galata Galchuu, Badhaasaa fi Beekkamtii Kennuu
Hagayya 20, 2013: Yunvarsiitii Jimmaa
Mariin paanaalii Yunvarsiitiin Jimmaa akka Itoophiyaa yunvarsiitii qorannoo gochuu irratti fuulleffate mata duree ‘milkaa’ina gonfatame, danqaalee mudatanii fi kallattii egeree Yunvarsiitii Jimmaa’ jedhu wirtuu qorannoo yunvarsiitichaatti taasifame.
Marichi Yunvarsiitiin Jimmaa kora hidhata qorannoo, teeknoolojii fi industirii barnoota olaanoo irratti tokkoffaa bahuu ilaalchisee kan qophaa’edha.
Marii paanaalichaa baga nagaan dhuftan jechuun ergaa galataa kan dabarsan pireezidaantiin Yunvarsiitii Jimmaa, Dr Jamaal Abbaafiixaa akka jedhanitti injifannoon argame kun kan barsiisota yunivarsiitii, hojjattoota bulchiinsaa, barattootaa, hawaasa Magaalaa Jimmaaa, Godiina Jimmaa, qooda fudhattoota gama kamiinuu jiranii fi kan qaamolee haala mijeessan maraa ta’uu dubbataniiru.
Dabalataanis, milkaa’ina aragme ittifufsiisuuf ittigaafatamummaan kan abbootii injifannoo kanaa akka ta’e ibsuun milkaa’ina argame osoo hin daganne injifannoo egereef ammummaa eegaluun carraaquun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Mariin paanaalichaa irratti milkaa’inoota Yunvarsiitii Jimmaan gama garaa garaatin argaman, danqaalee hanga ammaatti imala isaa irratti isa mudatee fi imala gara fuulduraatti biyyattii keessatti yunvarsiitii qorannoo adda duree ta’uuf godhu irrattii fi gufuuwwan egere isa qunnamuu danda’anis baldhinaan kaafamanii mariin irratti tasifameera.
Hirmaattonni marii paanaalii yaadotaa fi ilaalchota ijaaroo injifannoo egereetti nama geessan jedhamanii abdataman kennan. Yunvarsiitichis yaadota kennaman akka galfataatti fudhatee gama adeemsa baruu fi barsiisuu, qorannoo fi tajaajila hawaasummaatiin daran injifannoo galmeessuuf itti fayyadama jedhame.
Qorattoota, barsiisota, hojjattoota, dhaabbilee magaalaa Jimmaa fi godiina Jimmaa akkasumas kanneen Godiina Jimmaan alaa dhufan fi qooda fudhattoota biroo Yunvarsiitii Jimmaa milkaa’inaaf qaqqabsiisaniif waltajjii irratti
badhaasnii fi beekkamtiin gumaachameeraaf.
Bilbilota ismartii ammayyaa, meedaaliyaa fi waraqaaleen ragaa beekkamtii badhaasota kennaman keessatti argamu.
Dhumarrattis kallattii gara fuulduraa kaa’uun qaamoleen dhimmi ilaallatu marri hanga har’aatti shoora taphatan hirmaannaa hoo’aan deeggarsa isaanii gochuuf ammumaa kaasanii qophii akka ta’aniif waamichi godhameeraf.
Marii paanaalichaa irratti haasaa cufiinsaa kan taasisan ittaanaan pireezidaantii bulchiinsaa fi taajijala barattootaa Yunvarsiitii Jimmaa, Dr Qananiisaa Lammii, hojjattoonni kamuu gaaraa kaasanii hanga dakaatti argaman gumaacha mataa isaanii godhanii yunvarsiitiin keenya akka tokkoffaa bahu dandeessisaniiru jedhan.
Kana malees, ittaanaan pireezidaantii marii paanaalii kanarratti qorattoonni keenya badhaasaa fi beekkamtii argattaniin osoo ofhindaganne firii caalmaaf akka carraaqan kan isaan dandeessisu hubannoon argamuu ibsuun qorattoonni keenya muuxannoo horatan kaaniif akka qoodan akkasumas barsiisonni galateeffamanii fi barattoonni qabxii olaanaa galmeessisan kananif fakkeenya akka ta’aniif waltajjiin jajjabeessaa ta’uun mirkanaa’uu danda ‘uun calaqqisiifameera.
Marii paanaalichaa irratti bulchaan Godiina Jimmaa, obboo Abdulhakim Muluu dabalatee qaamoleen waamichi godhameef garaa garaa, miseensotni hawaasa yunvarsiitichaa, abbootiin gadaa, jaarsoliin biyyaa fi abbootiin dhimmaa hirmaattota turan.
Sagantaan kenninsi galataa fi beekkamtii kun arjooma dhiigaa fi qophiilee biroo hordofsiisee miseensota hawaasa Yunvarsiitii Jimmaatiin ittifufa.