
Waamicha Axareeraa Qorannoo
Kora Qorannoo Oromoo Idil-addunyaa 6ffaa
Eebla 23 -24, 2026
Waajjira Pirezidaantii Ittaanaa Qorannoofi Walta’iinsaa, Yuunivarsiitii Jimmaa
Ijoo Korichaa: Sirnoota Beekumsa Oromoo Egeree Dijitaalaawaatiif Irra Deebi’anii Yaaduu: Haqa Beekumsaa, Afaan, Aartiifi Aadaa Bara Jijjiirama Dijitaalaa Keessatti
Cuunfaa Korichaa
Qophiin kora Qorannoo Oromoo Idil-addunyaa 6ffaan, kabaja hundeeffama Dhaabbata Qorannoo Oromoo (DhQO), waggaa 10ffaa dabalata. Korri kun hayyoota, ogeessota, teeknooloojistoota, artistoota, dargaggoota kalaqaafi qaamolee imaammata baasan walitti fiduun, akkaataa sirni beekumsa Oromoo jijjiirama teeknooloojiiwwan dijitaalaa waliin adeemuu qabu irratti gadi fageenyaan mari’achuuf kan kaayyeffatedha. Teeknooloojiin dijiitaalaa, yeroo kamiin caalaatti oomisha beekumsaa, fayyadama afaanii, dhiyaatina aadaa, kuusaafi kunuunsa duudhaa bara qajeelchaa jiran kanatti, korri kun dhimma haqa beekumsaa irratt xiyyeeffata; jechuunis beekumsi oomishamu kun eenyuun bakka bu’a, eenyutu bu’uuraalee dijitaalaa kanneen to’ata, akkasumas sirnoonni beekumsa xabboo akkamiin egeree dijitaalawaa kan naamusa-qabeessafi hirmaachisummaa hundagaleessa qabu ijaaruu danda’u, gaaffilee jedhan bu’uureffata.
Korri kun yaadota dirree ogummaa gara garaa irraa gara waltajjii tokkootti fiduun, egeree Afaan, aartii, aadaafi beekumsa xabboo Oromoo galumsa teeknooloojiiwwan haaraa babal’achaa jiran simachuun akkamitti akka dagaaguu danda’uufi dorgomaa taa’ee bahu xiinxala. Akkasumas walqixxummaa afaanii, itti fufiinsa aadaafi walitti dabarsa beekumsa dhalootaa mirkaneessuuf nigumaacha.
Ijoowwan Gooree Korichaa:
Axareeraan qorannoo simatamu ijoowwan gooree aarmaan gadii waliin kan walqabatan ta’u:
- Beekumsa Xabboo, Jijjiirama Dijitaalawaafi Haqa Beekumsaa
- Afaan Oromoo, Teeknooloojiiwwan Afaaniifi Egeree Dijitaalawaa
- Industiriiwwan Kalaqaafi Aadaa, Kuusaalee Dijitaalaafi Hirmaachisummaa Dinagdee Dijitaalaa
- Dargaggoota, Kalaqaafi Hirmaannaa Dijitaalaa kan Dhalootni Walharkaa fuudhu
Afaan Korri itti gaggeeffamu: Afaan Oromoofi/yookaan Afaan Ingilizii
Odeeffaannoof: Ashannaafi Balaay (PhD) – Bilbila: 0913401829; Iimeelii: hireebirraa@gmail.com
Alamaayyoo Faqqadaa (PhD) – Bilbila: 0991166688; Iimelii: guurii2006@yahoo.com
Qajeelfama Axareeraa Galchuuf:
Matadureen yabbifamee jalqabni jechaa qubee guddaatiin barreeffama; qixxalmaan waraqaa irra kaahama. Dheerinni mataduree mallattollee 200 hincaalu. Bocni qubee: Times New Roman, fageenya sararaa 1.5, hangi guddina qubee 11. Gabaajeen mataduree irratti hineeyyamamu. Maqaa Qorataa/ttuu1*, Maqaa Qorataa/ttuu2* …. 1* Yunivarsiitii XX, Faakiltii/Kolleejjii XX, Damee Barnootaa XX, Magaalaa, Biyya 2* Yunivarsiitii XX, Faakiltii XX, Kutaa XX, Damee Barnootaa XX, Magaalaa, Biyya, *Imeelii Dhiyeessaa: xx.xxx@xxxx.xxx.xx Axareeraan: Keeyyata 1, jechoota 250-350 gidduutti barreeffama. Jechoota Ijoo: 3–6, kan jalqabni qubee guddaatiin barreeffamanii, qoodduutiin adda ba’u; tartiiba qubeetiin tooreffamu. Qubee jalqabaa jecha hunda guddaa ta’a. Koomaan addaan baafamanii, tartiiba qubee irratti hunda’anii tarreeffamu. |
Guyyoota Murteessoo:
- Axareeraa Erguu: 24/02/2026 – 11/03/2026
- Murtoo fudhatama Axareeraa Beeksisuu: 16-17/03/2026
- Guyyaa Korri itti gaggeeffamu: 23/04/2026 – 24/04/2026
Linkii kana fayyadamuudhan axereeraa keessan galchaa: https://forms.gle/C9NBKSAQsAFvC6xTA
